JW subtitle extractor

Duʼa Yesuus Yaadadhaa

Video Other languages Share text Share link Show times

Mee yaadaa, addunyaa nagaan keessa guute, . . .
. . . rakkinni keessa hin jirre, . . .
. . . nyaanni nama hundumaaf taʼu keessa jiru, . . .
. . . Fayyaa guutuun keessatti argamu.
Abdii gammachiisaan kun garuu
raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti?
Wanti Yesuus nuu godhe, kun akka taʼu godha.
Gara lafaa kan dhufe kaayyoo tokkoof ture.
Namoota jaallatuuf lubbuu isaa dabarsee kenne.
Yesuus duʼuu isaa dura,
aarsaa inni nuu kaffale akka yaadannu nu ajajeera.
Akkana jedhe:
“Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.”
Namoonni addunyaa maratti argaman
duʼa isaa kana kabajuuf waggaa waggaatti walitti qabamu.
Dhugaa Baatonni Yihowaa
Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus irratti
maatii kee wajjin akka argamtu si afeeru.
Walgaʼii kana irratti,
aarsaan isaa maaliif akka barbaachisee fi
waadaan inni gale
kan si ilaallatu akkamitti akka taʼe hubatta.
Naannoo keetti eessatti akka kabajamu beekuuf
Dhugaa Baatota Yihowaa harkaa waraqaa afeerrii fudhadhu
ykn unka jw.org irratti argamuu fi
iddoo walgaʼichi itti geggeeffamu baruuf gargaaru guuti.